Baga gara portal hordoffii nageenya gaazexeessitootaa dhuftan

Hojii ijoo Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa keessaa tokko nageenyummaa Gaazexeessitootaa tiksuudha. Aggaammiin yakkaa walabummaa Miidiyaa irratti qaaxxeffamu kamuu warra hooggananiinis ta’e qaama yakka kana raawwatu biratti akka dhaabbatuuf xiyyeeffannaa akka argatuuf ni hojjeta. Waldaan kun, Qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun aggaammii kana ni hordofa, Ibsas ni baasa, akka furmuufis Abukaatoo ni ta’a, waggaa waggaanis Gabaasa Nageenyummaa Gaazexeessitoota Itiyoophiyaa ilaalchisee Barruulee ni maxxansiisa. Keessumaa yakki Gaazexeessitoota Dubartootaa irratti raawwatu akka dhaabbatuuf cimsee ni falma. Caalaatti baradhu

Nageenyummaa Gaazexeessitootaa
WGI Deeggaraa
Tumsi

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa ragaalee aggaammii Qaamaa, Dijiitaalaa fi Xinsammuu Gaazexeessitoota irratti raawwatame hunda ni funaana. Gaazexeessaas ta’e Maatiisaa sababa hojiisaan walqabatee Ajjeessuu, butuu, reebuu, seeraan ala hidhuu fi to’achuu, Siyaasatti hirkatanii dararuu fi to’achuu, qoccolloo hin malle irratti raawwachuu fi Qabeenya Gaazexeessaa seeraan ala mancaasuu yookiin barbadeessuu hunda yakka Qaama irratti raawwate godhee fudhata. Qaamni kamuu yakka akkasii wayita argu battalatti haa gabaasu; keessumaa miseensonni waldaa kanaa immoo adda durummaan ga’eesaanii ba’achuu qabu.

Yakka Qaamarratti raawwateen alatti yakkoonni karaa seeraan alaa Xinsammuu Gaazexeessitoorratti raawwataman kanneen akka gowwoomsuu fi xiqqeessuu, karaa Miidiyaa Hawaasaa qoccoluu, maqa balleessii, haasaa jibbinsaa, arrabsuu, salphisuu, karaa seera qabeessa hin taaneen Marsariitiis ta’e toora Miidiyaa Hawaasaa cufuu, jalaa butuu, dhoksaan dookumentootaa fi ragaalee Gaazexeessaa hordofuu hundi yakka Miidiyaarratti raawwatame ta’eeti fudhatama.

Waldaa Gulaaltota Itiyoopiyaa deeggaruun bilisummaa Miidiyaa finiinsuu fi utubuudha. Kanamalees, Gaazexeessummaan sirrii fi dhugaan Itiyoophiyaa keessatti lafa akka qabatu gochuu ta’ee fudhatama kanaanis akka biyyaalessaatti dirreen Miidiyaa walabaa ni dhugooma.

‐‐

Akeekkachiisa Qaamaa fi Xiin-sammuu Gabaafame

Dorsiisa Dubartoota Gaazexeessitoota Irratti

‐‐

Dorsiisa Dubartoota Gaazexeessitoota Irratti

Gaazexeessitoota Hidhamanii fi Himataman

‐‐

Gaazexeessitoota Hidhamanii fi Himataman